Tuesday, July 21, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Oromoo!
yaa Uummata keenya maaltu eegamaa jira? Tufii takkaa hin tufatamin tufatamne. Qaroo ija teenya nura ajjeessani hayyoota, saboontota fi Hooggantoota teenya hunda hidhati darbuun miidiyaa Keenya cufuun kan ofiitin halkanii guyyaa maqa xureessa uummata Keenya irrati ololaa oolu. Oromoo! amma ni gaha qeerroo 5000 wareegine, hayyoota Akka Jawar, Baqalaa, Hamza fi Gumaa Saqeta fa'a mana hidhaa Keenyee hiriira nagayaa qofan furmaata eegun gahaa miti. Baay'inna Nama Alla kanati hiriira bahuu caala saboontoni guyyaraa hidhati guramaa jiran. yoo Akka uummata Tigraay saniti hin hidhatin gadheen guyyaraa nurati ficaayya oolti. Uummani Keenya hidhachuun ammati furmaata fala biraa hin qabneeda.

 Oromoo! Abiy Kan dursee Dinquu Dayyaas biyyaa baase qabeenya isaa irraati uggure Akka qabsoo hin tumsineefi, Kan Hooggantoota Akka Jawar Mohammed hidhe Akka qabsoo hin hooganeef, Kan Haacaaluu Hundeessaa ajjeesef Akka uummata hin kakaasinef, Kan OMN cufee gazexeesitota hidhe Akka oddeeffannoo uummani hin geenyef Akka ta'e hin shakittaa?  Oromoo! Amma yeroo dhumaatif ykn dhumnee dhabamuuf yokaa uummata bilisaa biyya bilisoomte ijaaruf lafaa haa kanu. ijaaramuun, hidhachuu qofatu salphina kanaraa nu oolchu dandaya. toofta qabsoo Keenya jijjirun ykn itti dabaluun dirqama yeroon gaaftu ta'ee Nati muldhata.

No comments: