Friday, July 24, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeeffamu
=======================     

Seensa
Motummaan Abiy Ahmed lola gochaa fi jechaan mul’atu saba Oromoo irratti baneera. Oromoo ajjeesuun, hidhuun, dararuun, hiraarsuun, itti fufee jira. Haacaaluu ajeessudhaan agartuu keenya balleesseera. Hogganoota keenya hidhuu dhan, Oromoo saba hogganoota hin qabne godhuf tattafachaa jira. Jaarmiyalee siyaasaa Oromoota reebuu dhan, wajira isaani irraa  saamuu dhan, akka Oromoon jaarmiyaa jabaa hin ijaarranne, kan ijaarrates akka hin jabeeffanne godheera. 
Midiyaa uummata Oromoo bal’aa kan ta’e OMN cuffuu dhaan sagalee Oromoo ugguruu  baldhi naan itti fufeera. Midiyaalee Oromoo addaa addaa saatalaytiirraa buussu dhaan, kan immoo Intarneetii cufuu dhan laamsheessuuf dhabamsiisufi  dhaddachaa jira. 

Midiyaalee motummaa adda addaa fi midiyaalee nafxanyootaa motummaa dhan deeggaramanin fayyadamee, uummata keenya sobaan maqaa xureessaa, olola yakkaa irrati ofaa, gama proppagaandaa siyaasaatin maqaa fi kabaja saba keenyaa balleessutti xiyyeeffatee dalagaa jira. 

Gaazexessitottaa fi aktivistota Oromoo hedduu badii tokko malee mana hidhaatti darbatee sagalee nu dhabamsiisuf tattaaffii guddaa godhaa jira. Aktivistoonni fi beektoonni Oromoo biyya alaa jiran rakkina uummatni keenya itti jiru akka addunyaatti hin ibsine jecha midiyaa hawaasaa kan akka Facebook fayyadaman irraa cufsisuf duula guddaa geggeessaat jira. Walumaa glattit, motummaan nafxanyaa Abiy Ahmed lola isa dhumaa Oromiyaa irratti baneera. Qeerroon mormii isaa itti fufa. Kaayyoon moormii marsaa ammaa, sirna nafxanyaa Abiy Ahmadiin ijaarramee lafa qabachuuf totoora’aa jiru diiggamee Oromiyaan walaboomte akka ijaaramtuuf haala mijeessuudha. Dabalataanis motummaan Abiy Ahmed humna horatee uummata keenya irratti tarkaanfii akka inni hin fudhanne laamshessuudha. 

Kaayyoon keenya kan yeroo gabaabaa mootummaan Naftxanyaa aangoo irra jiru hooggantoota siyaasaa Oromoo hidhee jiru akka hiikuuf harka micciiruu dha. Bifuma kanaanis kallattiiwan qabsoo armaan gadii Qeerroo guutuu Oromiyaa irraa kennamee jira.
Uummatni Oromoo torbee darbe waamicha gabaa lagannaa waliif taasisee guyyaa shaniif walitti aansee adeemsisuudhaan injifannoowwan gurguddaa akka gonfate ni yaadatama. Mormii marsaa ammaa kana keessatti ammoo akka armaan gadiitti itti fufa. 

Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa
Wiixata, Adoolessa 20, 2012 [Wiixata, Adoolessa 27, 2020] irraa eegalee sochiin geejjibaa kamillee Oromiyaa keessa hinjiraatu. Daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata 27 irraa egalee hojii irraa oola. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata.  Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti kan itti fufu ta’a.       

Tarkaanfiilee Jalbultii Eegalan
1) Diinagdee Mootummaa kanaa lamsheesuuf, tooftaan jiru madda maallaqaa inni qabu googsuu ta’uu qaba. Kanaaf, uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi Inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne, akkasumas Baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne waamicha dhiyeessina. 
2) Mootumaan naftaxanyaa yakka adda addaa ummata keenya irratti rawwataa kan jiru maallaquma ummatumata irraa guruu fayyadamee akka ta’e ni beekama. Humna maallaqaa kana irraa cabsuuf jecha u     ummanni keenya Mootummaaf Gibira akka hin kafalle.      
3) Gama tajaajila geejjibaatiin kanneen sheerii warra diina ummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu. Haaluma kamiinuu Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu. 
4) Gama miidiyaatiin duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti fardii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne, akka hin dhaggeeffannee fi      odeeffannoo akka hin kennineef waamicha dhiyeessina.
5) Qabeenya Abbootii qabeenyaa kanneen sirna  Nafxanyaa kana tajaajilanii fi kanneen Artiist Haacaaluu ajjeesuu keessaatti deeggarsa godhaman jedhamanii shakkaman kanneen sirnaa kanaaf madda dinagdee ta’an kan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.     

Waamicha  Addaa
1) Sabaaf sablammootni Ityoophiyaa hiree fi egereen keessan kan ummata Oromoon walitti kan hidhate ta’uun  beekamaa dha. Hawwiin keessanii fi kan ummata Oromoos walfakkataa dha. Qabsoon heeraa fi seeraa biyyaa kabachiisuf qeerroon Oromoo eegalee jiru qabsoo keessani. Kanaaf jecha akka qabsoo keenya deggertanii nu cinaa dhaabbattan asumaan waamicha isniif goona. 
2) Hojjeetoota mootummaa, miseensoota Rayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Oromiyaa,      Humna Addaa Oromiya akkasumas humna tikaa keessa kan tajaajilaa jirtan      dhalattootni Oromoo, dararaa uummata keesaan irra gahaa jiru akka hubattan ni abdanna. Qaamolee mootuumaa kan seentan lammii keessan tajaajiluuf malee dararuuf akka hin taane beektanii, yakka ummata Oromoo irratti akka hin rawwanne, qabsoo ummatni Oromoo mirga isaa eegsisuuf adeemsisaa jiru dura akka hin dhabbanne  waamicha isiiniif goona. 
3)  Ummatni Oromoo kaadiree mootummaa wajjin quunnamtii hawaasummaa qabu mara akka dhaabu waamicha isiniif goona. Afooshaa fi ijaarsa hawaasummaa keessaa akka baafaman taasisuu, gaafa du'an ykn gaafa miseensi maatii isaanii boqote akka awwaalcha hin dhaqne, gaafa cidha isaanii akka irratti hin argamne           waamicha isiniif goona.
4) Waltajjii kaadireen Bilxiginnaa magaalattis ta'e baadiyyaatti waamtu irratti akka hin argamne waamicha isiniif dhiyeessina. Namoonni ‘Jaarsolii Biyyaa’ ofiin jechuudhaan durgoo fudhattanii ykn fayyaalesummaadhaan jaarsummaadhaan motummaa kana umrii dheeressuuf olii fi gadi deemtan ammaa kaassee akka hojii akkanaa irraa of qusattan waamicha goona.

Hubachiisa. 
1) Tarkaanfiiwwan armaan olii keessatti manneen baruumsaa, keellaawwan fayyaa namaa fi beyladaa, iddoon leenjii qonnaan bulaa akka hin tuqamne wal hubchiifna.
2) Tarkaanfiiwwan fudhataman marti xiyyeeffannaan isaanii mootummaa sirna Nafxanyaa seeraan ala aangoo qabatee jiru ta’uun beekamaadha. Kanaaf, akkuma barsiifata Qeerroo jaarmiyaaleen amantaa hintuqaman, sirumaa gaafa danda’ame eegumsi ni taasifamaaf. Akkuma baroota darban akeessa taasifamaa ture sabaa fi sablammootni Oromiyaa keessa jiraatan qaama hawaasaa keenyaati. Kanaafuu sabaa fi sablammootaa fi manneen amantaa hunda akkuma kanaan duraa eegumsa  gochuufiin barbaachisaadha     .

 Xumura 
Akkuma armaan olitti ibsame qabsoon uummatni Oromoo itti seenee jiru hanga mirgi abbaa biyyuummaa Oromoo mirkanaa’utti kan itti fufu ta’a. Kanaaf, qabsoon marsaa kanaa gaafa xumurame tooftaan qabsoo guutummaa Oromiyaatti taasifamu marsaa haaraan akka labsamu gamanumaan isin hubachiisna.      
Injiifanoon Kan Ummata Oromooti

No comments: