Friday, July 10, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Taateewwan waggoota lamaan kana keessatti godhaman haa laallu.

1. Eenyutti #AbiyAhmed nafxanyaa waliin ta'ee #HaacaaluuHundeessaa ijjeessaa jedhee yaade? #Haacaaluun garuu ni ijjeefame. 
2. Eenyutti #AbiyAhmed yaalii ajjeechaa #JawarMohammed irratti ni geggeeffassaa jedhee yaade? Waggaa tokkoon duratti yaalame, Jawaar akka Abiyyi ka silaa qaata du'ee akka Rabbiif jira. 
3. Eenyutti Jeneraal Sa'aareen mana isaa keessatti ni ajjeefamaa jedhee yaade? Jeneraal Sa'aareen du'ee dhiigni isaa dhiigaa saree ta'ee hafe. 
4. Eenyutti Injiinar Simmanyoo Baqqalaa karaa irratti aduu saafayaan ni ajjeefamaa jedhee yaade? Addabaabaayii Masqaalaatti ijjeeffamee har'allee haqni isaa hin baane. 
5. Eenyutti #AbiyAhmed OMN ni cufaa jedhee yaade? Kunoo nafxanyoota isaa waliin tahuun OMN cufe. 
6. Eenyutti #AbiyAhmed  Lammaa Magarsaa ni ganaa jedhee yaade? Kunoo Lammaan ani jechuun Abiyyi, Abiyyi jechuun anaa jedhe ganame.
7. #JawarMohammed hidhamee eenyutti #AbiyAhmed angoorraa halkan tokko bulaa jedhee yaade. Kunoo Jawaar Mohammed guyyaa kurnaffaaf mana hidhaa jira. 

Nafxanyoonni OMN cufaa jennaan Abiy cufeef, Jawaar hidhaa jennaan Jawaar hidheef, Haacaaluu ijjeesaaa jennaan Haacaaluu ijjeeseef. Kunoo, amma ammoo karaa miidiyaa Abiyyitiin Jawaar nuuf ajjeessaa jechaa jirti. Waan kalee Kaasaayee Camadaa jedhe maalif akka dubbii xiqqaatti laaltu? Dubbiin Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa sagalee tokkoon falmatee #JawarMohammed fi hidhamtoota siyaasaa biraallee mana hidhaa baasudha.

No comments: