Tuesday, July 7, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Gareen abukaatoo Jawaar Mohaammad, Jawaar akka hin argine dhorkamuu himan.

Gareen abukaatoo namoota jaha qabu Jawaar Mohaammad dubbisuuf har'atti beellamni qabamuufillee wayita deemanitti Jawaar dubbisuu akka dhorkaman himan.

Abukaatoowwan kanneen keessaa tokko kan ta'an Dr Tokkummaa Dhaabaa OMN'tti akka himanitti Jimaata darbes Jawaar dubbisuuf wayita dhaqanitti dhorkamanii har'atti beellamni qabameefi akka ture himu.

Haa ta'u malee guyyaa har'aas Jawaar waliin wal qunnamuu dhorkamuu himu.

Kibxata har'aa naannoo sa'aatii 8 wayita dhaqan manni hidhaa humna jabaan marfamee eegamaa ture kan jedhan Dr Tokkummaan, 'yeroo muraasaaf hin galchinaa nuun jedhaniiru, deemaa sin galchuu hin dandeenyu' jedhanii nu deebisani jedhu.

Mooraatti siquuyyuu hin dandeenye jedhu Dr Tokkummaan.

Obbo Jawaariifi Obbo Baqqalaan Kamisa darbe mana murtiitti kan dhiyaatan abookaatoo malee ture.

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaafi kaanneen isaan waliin to'ataman jiddugala Aadaa Oromootti aanga'oota mootummaa olaanoo walgahiirra turan ajjeesisuun ajjeechaa Waxabajjii 15 kan baraa darbee irra deebi'uuf yaalii godhanii turan jedhe poolisiin Federaalaa.

https://bbc.in/3iAo8a9

No comments: