Friday, July 31, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Cuunfaa Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuu Ilaalchisee Qeerroo Irraa Kenname
----------------------------------
I TARKAANFII QOQQOBBII GUUTUMMAA OROMIYAA

Uummatni keenya kallattiidhaan ta'e  amma irraa kaasee kan hojiirra oolcuu:

1. Baankiiwwanii fi inshuraansii diinaa lagachuu

2. Uummatni keenya mootummaa nfaxanyaa Abiy Ahmediif gibira akka hin kafalle godhuu.

3. Jaarmiyaalee tajaajila geejjibaa kanneen sheerii warra diina uummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu. 

4. Konkolaataan isaanii Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu 

5. Miidiyaalee mootummaa dabalatee kanneen sirna ol’aantummaa sirna Nafxanyaa deebisuuf Oromummaa irratti duulan hunda uummatni keenya akka hin daawwanne fi odeeffannoo akka hin kennineef godhuu.

6. Qabeenya abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu godhuu.

II TARKAANFII UGGURA GEEJJIBAA GUUTUMMAA OROMIYAA

Uummatni keenya kallattiidhaan ta'e  wiixata, Adoolessa 27, 2012 yookiin Hagayya 3, 2020 irraa eegalee kaasee kan hojiirra oolcuu:

1. Geejjibaa daandiiwwan gurguddoo Oromiyaa seenanii-ba’anii fi Oromiyaa keessa kan qaxxaamuran ugguruu

2. Daandiiwwan gurguddoo (highways) biyyoota ollaa irraa Oromiyaa qaxxaamuranii gara Magaalaa Finfinnee geessan marti fi Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u hundi kana aka ambulaansii irraa kan hafe bakka hedduurratti cufuu 

3. Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita.

No comments: