Sunday, July 26, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Qabsoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaa Hangafa Qabsoo Kan ta’e ABO Shira Nafxanyaa Irraa Tiksuun Dirqama Oromoo Hundaati. 
Ibsa Gabaabaa Hoganoota  ABO Biyya Ambaa 
================
   Haalli siyaasaa fi nageenyi Oromiyaas ta’e waliigala Ethiopia keessa deemaa jiru,jireenya sabootaafis ta’e ummata Oromoof yaaddessaa erga ta’ee bubbuleera. Yeroo ammaa kanatti Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf jecha karoorfatamee shirri xaxamaa jiruu fi gagga’amni lubbuus ta’e qabeenya ummata Oromoo irra gahaa jiru daangaa dhabee jira. Wareegamuu artst keenya qaalii Hacaaluu Hundeessaan as loltooti mootumma Oromiyaa walii gala keessa bobba’uun maqaa ABO tiin ummata Oromoo hidhuu fi ajjeessuu akkasumas reebichaan qama miidhuu,qabeenya saamuu fi mancaasuu hojii guyyuu godhatanii itti jiru. 
Haalli kun yaaddessaa ta’uu ABOn irra deddeebi’ee ibsee jira. Ammatti nageenyi jaarmiyaa ABO fi KFO rakkoo guddaa keessa galee jiraachuu wanneen mirkaneessan akka armaan gadii kanatti ibsina. 
1. Manni jireenya HD ABO Jaal Daawud Ibsaa human waraana mootummaa fi tikaan marfamee jira. Toorri bilbila HD biyya keessaa jalaa cite jira. 
2.  Waajjira Gullallee jiru konkolaataa mootummaan seenanii bahaa jiraachuutu muldhata,naannichas marsanii tohachaa jiraachuutu himama. 
3.  Maddeeen qabatamaa irraa akka dhagahamutti mediyaaleen motummaa booru waajjira Gullalleetti akka argaman qajeelchi kennamee jira. 
4.  Miseensotiin ABO nagaan bahanii galuu ykn sosso’anii hojjechuu hin dandeenye. 
5.  Waajjirooti ABO Oromiyaa mara keessa jiran caccabanii saamamanii qondaalotii fi dabballoonni godinoota irra jiran hidhamanii jiran. 
6.Waajjiri ABO naannoo addaa Finfinnee keessa jiran samamanii jiran 
7. Waajjira ABO guddaan kan Gullallee jiru sakata’amuu fi miseensootiin achi keessa jiranis qabamanii hidhamuun itti fufee jira. 
9. Mootummaan miseensota ABO fi KFO harca’oo dha jedhee yaadu maallaqaan bituu fi dantaan goyyomsuun akka isaan ABO irratti shiraa yaadanii dantaa Oromoo nafxanyaa jala galchaniif shira hammana hin ja’amne xaxaa jira. 
10.Hayyootii fi abbootiin qabeenyaa Oromoo ta’an maqaa ABO deggertuun Oromiyaa bakka mara keessaa funaanamanii hidhamaa jiru. 
11. Caasaa mootummaa fi human Poolisii ykn waraana keessaa miseensota ABO ti jedhamanii kanneen shakkaman mana hidhaatti guuramaa jiru, kaan ammo hojii irraa arihamaa jiru. 
 
   Walumaa galatti haalli QBO, ummanni keenya, ABO fi KFOn keessa jiran kun, haala ifatti deemaa jiruu fi guyya guyyaan shira keessaan qabsoo Oromoo irratti xaxamaa jiru ta’uu ummanni keenya hubatee dantaa Oromoo tiksuu fi tokkummaa qabsaawotaa eeggachuu irratti akka fuulleffatuu waamicha goona. Qaama kamuu kan hiree Oromoo duubatti deebisuu fi eenyummaa Oromoo cabsee sirna gabroonfataa Oromiyaa irratti diriirsuuf gamaa jiru sabi keenya Oromoon biyya alaa fi keessa jirtan wareega fedhe baaftanii akka dura dhaabbataa abdii guddaa namaa kenna waan ta’eef tokkummaan keessan jabaatee qabsoo Oromoo akka kunuunfattan,dhaaba keessan ABO fi KFOs akka tikfattan waamicha isinii goona. 

Injifannoo Ummata Oromoof! 
Adoolessa 25, 2020

No comments: