Friday, July 24, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

"MOOTUMMAAN ABIY AHMED DALDALTOOTA OROMOO GARA HARARGEE IRRAA QARSHII KUM 40,000 HUMNAAN  FUNAANUUF DIRQISIISAA JIRA. QABEENYA BADE KAFFALUU QABDU JEDHEE NAMA HIDHAA JIRA. "

Ergaa armaan gadiis dubbisaa:

"Gochaa hammeenyaa mootummaan abiyyii ahmad godina Haragee Bahaa aanaa 

Jaarsootti sababa du'a hacaaluu hundeessaan  walqabatee qerroof qarreen erga hiriira baate booda sababa hiriira kanaatiin bulchiissi araddaa hidhattoota araddaa ykn milishaa araddaa qerroo baaruddiin adamee Ahmad jedhamu warra hiriira qiNdeessan jechuun namni Jundii Jamaal jedhamu hidhataan araddaa ajaja abdii yuuyyoo itti dhukaasi jedheen itti dhukaasuun duugdarra rukatamee erga yaalaaf magaalaa harar geeffamee manguddoon biyyaaf bulchootoonni araddaa wal dura dhaabbachuun falmaarra utuu jiran akka suma magguddoon akka manguddootti utuu qerroof bulchitoota jidduu jiranii bulchaan araddaa abdii hassan ibroo fi taajuu yuuyyaa makalaa kiyaa magaalaa anaa ejersa gooroorraa itti waamanii haawwan gurguddoof dubartoonniif qeerroon utuu hafiin maakalaa kiyaan reebuun miidhaa gurguddaa ilkee namarraa yaasuu reebicha hamaa ummatarraan gahanii mana yaalaallee dhoowwaman keessaa jara lameen asiin gadii kanaadha jarri kun hin hidhamne 

1 Riyaad aliyyee muusaa 
2 siiyaada umree 

Warreen reebicha hamaaf hidhaan irra gahee
dararamaa jiran keessaa kan maqaan isaanii beekkame, kan araddaa Odaa Muudaa keessa qabamanii gara aanaa Jaarsoo magaalaa ejarsa gooroo warra geeffaman reebicha hamaa irraan gahanii keessattuu mahammad mussee akka malee reebamee akkasuma qaasiim mahammad kabiiraa nama hedduu miidhaan guddaa irra gahe keessaahi akkasuma warreen asiin gadii kunneen hundiinuu reebicha ulfaataatu irratti gaggeeffamee mana yaalaas dhoorgamanii hidhaa jiru keessaa warra maqaa arganne 

Araddaa odaa muudaa kuyyuu irraa
1. Yuusuf Ahmad Hasan -Maanguddoo/jaarsa biyyaa
2. Hajii Muasaa -sheeka
3. Mahaammad Muusee  
4. Qaasim Mahaammad Kabiiraa
5. Abdii Mahaammad Adamoo 
6. Muktaar Kaalid
7. Jaafar Mahaammad Alii 
8. Muraad Mahaammad Alii
9. Farahan hassaan mussaa hassaan

Kanneen maqaa adda baasiin hedduutu jira araduma odaa muudaa ganda warra alii jedhamuuf akkasuma guutuu anaa keessatti rakkoon hamaan akka deemaa jiru 

Bulchiisa araddaa odaa muudaa yeroo adda addaatti ummata doorsiisuuf badiin malee deeggartoota shaneeti jedhee nama baayyee dararaa akka ture ragaa heedduu qabna ammaas ajaja kana kan dabarse isa mana isaallee hanga ammaatti waraanaan akka eggamu bilbilaan qulqulleeffanne.

Ummanni hedduunis dararamaa fi garjabeenya roorroo kana dheessuun gaaratti baqatee jira.
Warreen hidhaa jiran keessaa warra suuraa arganne warra hidhaa jiraniif miidhaman keessaa warra suuraa arganne kan rasaasaan dhahame baaruddiin kan shamisa alaabaaf kofiyaa alaabaa qabu kanaadha

No comments: