Friday, July 31, 2020

#Oromo#Protest#AbiyMustGo#Ethiopia

HAACAALUU ERGA AJJEESSANI KUNOO JI'A TOKKO GUUTE! SAN BOODA MAAL RAAWWATAN?

1. Qorannaa yakkaa haqa-qabeessaa fi dhuga qabeessa hingaggeessine. Ajjeechaa Haacaaluuf haga ammaaa namni itti gaafatame hinjiru. 

2. Maatii Haacaaluu irratti lola bananii essuma Haacaaluu fi firoottan isaa taazziyaa irra jiran ajjeesan.

3. Kabajaa Haacaaluuf malu dhorkanii sirna awwaalcha goota kanaa salphisani. 

4. Reeffa Haacaaluu uggurtan jechuudhaan hoggantoota siyaasaa Oromoo kanneen sirna awwaalchaa deeman itti marsanii qabanii hidhan. Himata sobaa itti qindeessanii mana hidhaa keessatti dararaa jiran.

5. Jawar, Bekele, Lammii, Dawit, Chaltu, et al sobaan yakkanii mana hidhaatti dararaa jiran.

6. Miidiyaa Oromoo OMN cufanii, eeyama irraa kaasanii biyyaa basani. Gaazixeessitoota OMN mana hidhaatti darban.

7. Namoota dhibba 300 ol ta'u guyyaa saafaa meeshaa itti dhukaasanii ajjeesan. Qeerroo 7,000 ol ta'u hidhanii dararaa jiran.

Namichon sun garam deemaa jira?

No comments: