Monday, August 10, 2020

#AbiyMustGo

#FinfinneeIrraaOolmaaDhaddacha Guyyaa Hardhaa!

"Abbaan seeraa naaf haa jijjiiramu" Jalqabumarraa kaasee abbaan seeraa kun anis ta'ee abukaatonni keenya akka hindubbanne nu dhoowwaa ture, dabalataan dhaddacharra taa'ee namoota biroo hinbeekamne waliin bilbilaan dubbachaa, gad ba'ee oldeebi'aa ture. Kanaaf abbaan seeraa kun goonkumaa dhimma keenya bilisaan ilaaluu hindanda'u! Akka Nuuf jijjiiramu manni murtii mirga keenya nuuf haa eegu!"
Jawaar Mohaammad dhaddachaa har'aarratti.
Waan isin dhibu manni murtii har'a Ragaawwan sobaa qopheeffatee Jawaar fa'aarratti shiraan raggaasisuuf eegalee ture. Jawaar garuu goonkumaa hinta'u jechuun mormii isaa dhageessifate. Achumaan jarri sardamtee murtee abbaa seeraa jijjiiruutti ceete. Walumaagalatatti dhaddachi har'aa dhaddacha otoo hintaane lolatu ture jechuun ni dandaa'ama. Warri soba ragaa ba'uuf fe'amtee Oromiyaarraa dhufte qaanitee deebite. Abukaatonnis ta'ee Jawaar Mohaammad nama ajaayibaati! Walfalmii isaan godhanii, afaan jaraa cufsiisan Otoo hin ajaayibsiifatin darbuun hindandaa'amu!

No comments: