Sunday, August 9, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Badhaadhinni (Biltsiginnaan) Oromiyaa guyyaa har'aa gamaaggama jalqabeera. Gamaaggamni gaggeeffamus taateewwan du'a Hacaaluu Hundeessaa booda uumaman irratti xiyyeeffata. 
Paartichi ummata waliin araaramuu kan barbaadu yoo ta'e waltajjii kanaan qabxiilee kanaan gadii kana murteessuu qaba. 

1. Hidhamtoota siyaasaa  hunda gad lakkisuu 
2. Qeerroo fi Qarree Oromoo seeraan ala hidhaman hunda gad lakkisuu
3. Gaaffiiwwan Oromoon irratti  wareegamaa ture hundaafuu beekamtii kennuu fi yoo xiqqaate gaaffiilee Oromoo akka hin deebineef gufuu ta'uurraa of qusachuu 
4. Seenessa siyaasaa  fi seenaa (narrative) Nafxanyaa kan qilleensa biyyattii too'atee jiru kana xiqqeessanii , seenessi siyaasaa fi seenaa Oromoos dhageettii akka argatu hojjachuu 
5. Miidiyaalee Oromoo qilleensarratti akka deebian hayyama kennuu, meeshaalee jalaa saaman deebisuu 
6. Walumaagalatti, Diinummaa Oromummaa fi sabboonummaaf qaban kana hir'isuu
7. Paartiilee siyaasaa Oromoo fi biyyattii waliin gad taa'anii mari'achuu

No comments: