Qorannoo dhaabbata Afro-barometer jedhamuun gaggeeffame: Odeeffannoo Nama qorannoo kanaratti hirmaate irraa argame
•Qoranichi kan gaggeeffame naannolee afran keessatti: Oromiyaa, Amaara, naannoo Kibbaa fi Tigraayitti
•Oromiyaa keessatti aanota godinoota Shawaa, wallaggaa, Arsii fi Boorana keessaa filataman keessatti gaggeeffame
•Qorannoon kuni akka jedhan marsaa 8tiif osoo hin tahin marsaa 2 qofa gaggeeffame. Inni tokko yeroo ADWUI (EPDRF) filannoo bara 1997 booda bara 2005 (A.L.I)tti kan gaggeeffame yoo tahu inni lammataa immoo bara 2019 (GC) gaggeeffame. Kan Amma bu’aan isaa bahe kana jechuudha. Qorannoon Afro-Barometer gaggeesse kuni biyyoota Afrikaa garagaraatti gaggeeffamaa ture. Hanga ammaa biyyoota Afrikaa gagaraatti yerooo saddeettaffaaf gaggeeffame malee akka biyya keenyaatti yeroo lamaan kana qofa gaggeeffame. Qoranichi dhimma siyaasaatiin walqabachuu isaa irraa kan ka’e yeroo EPDRF san namni baay’een sodaa irraa ka’uun gaaffiiwwan gaafatamaniif deebii mootummaa deeggaru qofa waan kennaniif Itoophiyaa keessa rakkoon siyaasaa hagas mara hin jiru jedhamee dhiisan. Achi booda haga Abiyyi gara aangoo dhufe bara 2019 rakkoolee siyaasaa uumaman irraa ka’uun bifa haaraan gaggeeffame.
•Qorannoo bara darbe gaggeeffame keessatti gaaffiiwwan gurguddoon gaafataman kanneen armaan gadii turan:
1) Abiyyiin ni deeggartu moo ni mormitu kan jedhu ture. Waan nama ajaa’ibu deebiin hirmaattota baay’ee (majority of the respondents) naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti Abiyyiin hin deeggarru (ni mormina) kan jedhu ture.
2) Heerri (constitution) akka jijjiiramu ni deeggartuu? kan jedhu hin jiru. Keewwatni 39 akka haqamu ni deeggartuu kan jedhu ture. Naannoo Oromiyaatti parsantii 90 ol kan ta’an hirmaattotni qorannoo kanaa kew.39 akka haqamu hin feenu jedhan.
3) Finfinneen kophaatti akka naannoo taatu ni deeggartuu? kan jedhu ture. Oromiyaa keessatti Deebiin hirmaattota harki caaluu (majority of the respondents) hin deeggarru kan jedhu ture. Inumaayyuu bifa nama lolchiisuun mormaa turan.
4) Afaan Oromoo afaan federaalaa akka tahu ni deeggartuu? kan jedhu ture. Oromiyaa keessatti Guutumaan guututti ni deeggarra kan jedhu ture.
5) Waa’ee Filannoo ture. Waa’ee filannoo irratti gaaffilee sadiitu gaafatame:
A) Mootummaan cee’umsaa akka hundeeffamu
B)Filannoon yeroo gabaabaatti akka gaggeeffamu,
C)yeroon Filannoo akka dheeratu kan jedhan ture. Asirratti deebiin nama harka caaluu filannoon amma haa gaggeeffamu kan jedhu ture.
6) Osoo filannoon gaggeeffamee Paartii kam filattu? kan jedhu ture. Paartiilee Oromoo keessaa qoranicha irratti Filannoo keessa kan jiru ABO qofa ture. Akka Oromiyaatti deebiin namoota baay’ees ABO ykn immoo paartii Jawar Mohammed keessa jiru kan jedhu ture.
7) Lafti kan mootummaa moo kan dhuunfaa haa tahu? Kan jedhu ture. Deebiin namoota harka caaluu kan dhuunfaa kan jedhu ture.
No comments:
Post a Comment