Thursday, August 13, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Qabiinsa Hidhamtootaa fi Rakkoo Maatiin Keessa Jiru
-----
Jawaar Mohaammad fayyaa isaa laalamuu akka barbaadu ibsatus manni hidhaa tursiifamanii jira hakiima dhuunfaa hayyamuufii hin dandeenye. Hakiima dhuunfaa kiyyaa yoo naaf hayyamameen alatti kan biraa hin fedhu waan jedheef yaala argachuu ykn fayyaasaa ilaalamuu hin dandeenye. 

Gama biraatiin Shamsaddiin Xahaa yaala kan isa barbaachisu ta'us yaalamuun hiika hin qabu. Dawaan hakiimni namaaf ajaju mana hidhaa keessatti bakka gaarii hin kaa'amu. Miikkaa/peestaalatti godhamee alatti fannifama. Kana malees obboleewwan Shamsaddiin (Warqii Xahaa fi Saadam Xahaa) erga hidhamanii torban darbuusaaniiti himama.

Obbo Baqqalaa fi maatii isaanii hunda jala herregni baankii ugguramee rakkachaa jiru. Makiinaan maatiin itti dhimma bahuu qabullee sababa tokko malee erga Waxabajjii 23/2012ALH'tii eegalee hidhamee nyaata fi waan biroo mana hidhaatti deddeebisuuf rakkoo hamaa argaa jiru. Herregni baankii maatii Jawaar dabalatee kan hidhamtoota hundaatu uggurame maatii hedduun rakkoo guddaa keessa jiru. 

Eegdota Jawaariif nyaanni galuu waan dideef, haalli fayyaa isaanii sababa Koronaatiin balaarra waan bu'eef, abukaatoo (darbee darbee qofa argu) fi maatii agarsiisuu waan didaniif lagannaa nyaataatti jiru. Isaan rakkoo kana keessa waan jiraniif anis hin nyaadhu jedhee, Jawaaris lagannaa nyaataarra jira. 

Kun akka hidhamtoonni siyaasaa fi maatiin itti jiran keessaa waan baay'ee muraasa dha. 

Oromo Political Prisoners Defence Team

No comments: