Friday, August 14, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Doggogora amma dura waggota hedduf bilisummaa nu dhabsiise ammas irra deebine yoo hojjane gabrummaa waggoota hedduu keessati nu kufisuu dandaya"
Uummani Oromoo kan Bara hedduf gabrummaa jalati kufeefi bilisummaan Kan argamu harka isaa irraan osoon taane paarti siyaasaa biyya Oromaa keessa jiru fi hayyoota biyya allaa jiran irraa dhufti jedhee amanuu isaati. ilaalchi kuni akka uummani osoo ajjeeffamu, osoo qabeenyi irraa samamu, osoo biyyara ari'amu falmachu dhiise taa'etumman amma dabaluun dhufee bilisa nubaasa jechuun rakko dhuftu hunda dhamdhamu nugodhee jira.
Waggota Jahan dabran erga hayyooni Akka Jawar Mohammed fa'a dhufanii booda ilaalchi "eabalutu dhufee bilisa nubaasa"jedhu suni cabee "anatu falmatee bilisa of baasa "jedhu argamee booda Qeerroon gadi bahuun qabsoo godheen waan Wagga dheeraf alla eega ture Wagga afur keessati argachuu dandayee jira. Sababni milka'inaa yaadin "humna wahiitu allaa dhufee bilisa nubaasa" jedhu suni cabuudha.
Oromoo! ammas dogogori San fakkaatu dhalataa jira Nati fakkaata. Jawar Mohammed fa'a hidhame Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame Qeerroon falmatee injiffachuu beeku suni yeroo hayyoota biyya allaa jiran irraa dhaamsa(ajaja) eega jiru muldhataa jira. Uummani Wolayyitaa kan baay'inni isaa Oromoo Arsii qofa hin geenye, Kan miidiyaa hin qabne, Kan muxxannoo hin qabne tokkummaan gadi bahee guyyaa lama keessati hoggantota isaa hidharaa hiikate. Uummata Oromootin Wolayyitaa fakkeenya godhadhu jechuun qaanyiidha. kanaf Uummani biyya keessa jirtan hundi warra biyya allaa kana irraa yoo deeggarsa taate malee waan tokko hin eegina, gadi bahaa falmadhaa bilisummaan harka keesan gubaa jirti, hoggani isin keessa jira, bilisummaa harka keessan gubaa jirtu Yoo Alla irraa eegidan gabrummaa keessa turuu keessani.bahaa-dhihaa kaaba-kibbaan ofumaaf walitti dhaama akka Galaanati gadi bahaa haqa keessaniifi falmadhaa.
"Alaa eega hin Abjotin abjuu hin taane falmadhu qeerroo 4kiilof situ aanee" jedhe Haaceen biyyeen itti haa salphatuu.
kan falmate ni injifata!
Share gochuun Qeerroo biraan naf gahaa.


No comments: