Sunday, August 9, 2020

#FreeJawarMohammed#and#all

Yaadaa gorsaafii waan beekkamuu qabu.

Hidhamuu obboleeysaa keenya Jawar Mohammed , Obbo Baqqalaa Garbaafii Obbo Hamzaa Borana walqabatee wanni guyyaalee muraasan kana waa'ee ragaa isaaniitin walqabatee deemaa jiru argaan ture.
Waan lama beekuun dirqama 

1ffa. Waa'een ragaa Magaarajaa duuba tahanii Jawar Mohammed, Baqalaa Garbaafii Hamzaa Boranaa irratti  ragaa bahuu denman ilaalchisee bahanii, bahuu baatanii warri ragaa bahuu deemaan je'amanii yaadamaan maqaan isaanii aktivistootaa oromoo bira gahee jira. Kanaafuu yoo Dhuguma ragaa bahuu yaadaan ifumatti yoo bahan wayya.

 Asirratti wanni beekamuu qabu warroonni jibaa oromootiifii diigumsa oromoo barbaadaan kara tokkoon Warra Bulchiinsa mootummaa Dr Abiy Ahmed  deegare fakkaatanii hidhamuu obboleeyyaan keenyaatiifii miseensota dhaabolee siyaasaa oromoo irratti tarkanfiin fudhaatame sirriidhaa jedhanii leelliisu gammadaas jiru garuu Oromoon hundi gaddaa jira.  Kara biraatiin motummaan akka tasgabii hin arganne infoormeshina dabarsanii  kennaa oromoo kakaasaa jiru. Kana kan godhaniif motummaatti nutuu dhaluu jira yoo oromoon walcabsiite nuutuu angoo qabatee Ethiopia bulcha je'aanii yaaduu.
Asiratti wanniin jala muree isinii ibsuufii himuu fedhu ragooleen amma bahuu deemaan kun enyuu akka tahaan namoonni muraasnii bekanii jiru. Guyaa ragaa eggachaa juru. Kanaaf dhoysuun isin hinbarbaachisu. 
Ragaa dhoysuurra Jawariin walqabatee warra hiitan hiytanii Oromoon araaramuu wayya. Kun gorsa obbolummaatii.

2fifa. Arra diinonni Oromootifii jibba Oromorraa warri qabu hidhamuu Obbo Jawar Mohammadiifii oggantootaa dhabilee siyaasaa oromoon walqabatee akka oromoo moohanii cabsanitti gammadaa jiru numaan walcabsanii  halkaniifii guyyaa nurraa xinxalaa jirus. Kanaafuu mee Oromoonni PP keeysaa jirtan waan deemaa jiru kana laalaa. Ormaafii diinonni oromoo gammadaa,oromoon gaddaa, boyaafii hidhaan dararamaa  jirachuun isiniif hoo sirriidhaa?  Ummata irraabaataan irraa dhalattaan bira dhabbadhaa oromoo gaddisiisuun haadhaaf abbaa oboleyyaan keysaan gaddisiisaa bochisaa akka jirtan beekaa. Yeroon hamaan kun nidabra wajjiin jiraanna yoo rabbi umrii nuukenne. Waan hunda arguuf teenya.  
Tasgabaahuun oromiyaaf oromoo biyyaatii Ethiopia je'amtuuf jirachuu isiitiif murteysituudhaa. 
Mee hamileen butamnee, miira keeysa seenee walirratti duuluu dhifnee walhaadhageyfanuu. Oromoon maaliif nun lolaa jira je'aa dhabbadhaa yaadaa laalaa.
Hidhamtootaa Oromoo Jawar Mohammed irraa kaasaa hunda isaanii halduree tokko malee gad lakkisaa.  Mee oromoof gurra kennaa. Dhageeyfadhaa. Mooraalii oromoo kabajaa. Eegaa. 
Arraaf kanumaa guyyaa garii.

No comments: