Friday, August 7, 2020

#AbiyMustGo

RAGAA SOBAA!

Ragaan sobaa bulchiinsa sirna haqaa biyya kamuu keessatti yaaddoo guddaa uuma.

Biyya hiyyeettii Itoophiyaa kan teekinooloogii gadi -aanaa qabdu keessatti ammoo rakkoo olaanaa uuma. 

Dhimma Jawar fi Bekele Gerbaa ilaalchisee mootummaan ragaa sobaa qindeessaa akka jiru ifaadha. 

Kan nama gaddisiisu garuu Namootni ragaa sobaa ta’anii dhiyaatan dhuma irratti harka mootummaa tti gaaga’amu. 

Namootni sobaan ragaa bahan guyyaa tokko gara fuula duraatti dhugaa dubbachuu waan danda’aniif, jara kana mootummaan gaaga’uu ni danda’a. 

Kanaaf, dhugaaf dhaabatanii, dhugaaf dubbatanii bakka dhihe buluu wayya kan jedhaneef kanumaafi!

DHUGAA HAA DUBBANNU! DHUGAA RAGAA HAA BAANU!

No comments: