Tuesday, August 18, 2020

#AbiyMustGo#OromoProtests#Ethiopia

Waamicha Qeerroo #Harargee irraa ilmaan Oromoo hundaaf. 
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Nuti Qeerroon Harargee qaroowwan keenya kan sirrni naafxanyaa hidhee mana hidhaa keessatti yaalallee akka hin arganne gochaa jiruuf birmachuun hardha guyyaa lammataatif mormii itti fufuun wareegama qaqqaalii itti kaffalaa jirra. Waraanni mootummaa abbaa irree sirna nafxanyaa rasaasan nurratti roobsudhaan lubbuu hedduu nurraa wareegee jira.
Guyyoota itti aananis baadiyyaa fi magaalaa hunda keessatti mormiin cimaan itti fufa. Wareegamni bilisummaaf goonus itti fufa.
Yeroo nuti Oromoo fi Oromiyaaf wareega kaffalaa jirrutti Oromoo kutaa biroo keessattuu Giddu galeessi Shawaan caldhisuun sirrii miti. Jawaar,Baqqalaan fa'a kan hidhamanii mana hidhaa keessatti dhumaa jiraniif Oromoo fi Oromiyaa hundaafi. Diina teenyee walirratti laalun akka kophaa kophatti nu cabsu godha. Waraanni naafxanyaa Harargee fi Arsii irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jira. Abbaa warraa fi haadha warraa walirratti ajjeesaa jira. Yaa Oromoo kutaa biroo jirtan lubbuuf sodaattan moo maalif teenyee hanga tokko tokkoon nu fixanitti eegna?
Oromoonni 
#Shawaa
#Jimma
#Boorana
#Gujii
#Iluu
#Wallagga 
#Kaarrayyuu
#Walloo keessa jirtan kan mormii Qeerron labse laaffistan guyyaa boruu irraa qabsoo cimaa gochuun ilmaan Oromoo Harargee fi Arsii irraa dhumaa jiraniif akka birmattan waamicha isiniif goona. Hardha akkuma gaafa Minilik yoo teenyee Oromoon kutaa tokkoo dhumu kutaan biroo yoo ilaale tokko tokkoon cabuuf deemna.
Qeerroon Harargee hanga dhumaatti wareegama barbaachisaa bilisummaaf kaffaluun qabsoo eegalle jabeessinee itti fufna.
Qeerron Oromoo
Sulultaa
Sabbataa
Bishooftuu
Duukam
Burraayyuu Lagaxaafoo fi kan naannawa Finfinnee jirtan hundi daandii Finfinnee geessu hunda cufaa qabsoo itti finiinsaa.

No comments: