Thursday, August 13, 2020

#Oromo#Protest#In#Ethiopia

Akka diinni hawwutti Oromoon abadan deebi'ee hin jilbeenfatu. Abadan Wayyaanee kuffisee ka'ee Nafxanyoota ofirratti hin deebisu. Qeerroon Oromoo kumootaan hidhamuun dhugaa dha. Maalis tahu garuu kan hidhamerra kan mana jirutu caala. Isa hidhame kan mana jirutu qabsaahee hiikkachuu qaba. Jawarii fi hogganoota qabsoo hidhaatti nam'an kan hiiksisu Qeerroo dha malee murtii sirnicha irraa eegamu miti. Qeerroon waggaa 4 dura sodaa waan jedhamu gorraatee owwaaltee turte. Sana hin dagatin. Har'a fadhiidoon Nafxanyaa deebitee sodaa sirratti gad dhaabuu hin hayyaminiifi. 

Dhibee tokkorraa garuu hundi keenyayyuu fayyuu qabna. Baar-gama irraa hogganaa fi tarsiimoo addaa eeguu kana dhiisaa. Diasporan hanga humna isaa hiriira geggeessuun sagalee isiniif tahaa jira. Humna maallaqaatiinis waan qabsichaaf malaa ni gumaacha. Mirga bilisaan miidiyaa irratti dubbachuu waan qabuufis warri ''hayyuu'' jedhamu guyyuu screen irratti mul'atee sagalee keessan calaqqisuu ni danda'a ta'a. Sana bira dabree garuu imaanaa biraa irra hin kaayyatinaa. Hanga diasporan afaan tokko tahee nu qaceelchutti jettanii ukkaamsaa jalatti laalachaa teessanii alarraa hin eeginaa. 

Dargaggoon shanis tahu kudhan aanaa tokkorraa gurmaawaa waanuma amma dura gochuun itti milkaayaa turtan godhaa. Sochii diinaa karaa isinii danda'ame hundaan danqaa. Waan itti milkooftan san ammoo akka oduutti miidiyaaf hoggasuma ergaa. Injifannoon xiqqoon ganda tokkoo sun yeroo miidiyaa irratti dhagahamu aanaalee biroof fakkeenya taha. Hamilee fi kaka'umsa taha. Hunduu roorroo wal fakkaataa jala waan jiruuf tarkaanfii wal fakkaataatu babal'ata jechuu dha. Yeroo sana diinni bakka qabatuu fi gadhiisu wallaala. Kun aadaa ofirratti hirkannoo jabeessa. Amala qajeelfama alarraa eeguudhaa balleessa. Kana isinumatu godhuu danda'a. Faayidaan miidiyaas kaka'umsa akkasii warra hin dhagahin dhageessisuun hunduu akka wal faana bu'utti jajjabeessuu dha. Labsii Qeerroon akka guutuu Oromiyaatti baasu cinaatti yaadni an olitti dhiheesse kun yoo shaakalame gaarii dha. Qabsoon daqiiqaa tokkoofillee akka addaan hin dhaabbanne gargaara waan taheef.

By Yaya Bashir

No comments: