Sunday, August 16, 2020

#AbiyMustGo#OromoProtests#Ethiopia

Waamicha Qabsoo Marsaa 3ffaa Qeerroo irraa Kenname
KMN:- Hagaya 16/2020 
=================
Uummatni Oromoo sirna abbaa hirree Wayyaaneen mataa itti taatee turte waliin qabsoo hadhaawaa taasiseen of irraa erga garagalchee booda loote-seentuun sirna Nafxannyaa aangoo mootummaa qabattee jirti. Erga sini Nafxanyaa Abiy Ahmed mataa itti ta’e aangoo argattee as Oromoon gidiraa seenaa isaa keessatti argee hinbeekneen hiraarfamaa jira. Haaluma kanaan gartuun Biltsiginnaa yeroo ammaa mootummaa ofiin jedhu Oromoo xiqqeessee Oromummaa balleessuuf akeekaa godhatee jira. Hayyootaa fi qaroon Oromoo hidhaa jiru, hidhaa irraa kan hafan ajjeefamaa, ariyatamaa, akkasumas xiqqeefamaa jiru. Oromoo fi lafa Oromoo qoqqoodanii daldaluun Itiyoophiyaa dhiiga Oromoo dhuguun gabbatte kana tiksuuf yaalu. Abdii uummatni Oromoo mirga heerawaa fayyadamee filannoo dhaan sirna nafxanyaa kana of irraa kaasuuf qabu filannoo karoorfame haqee, Oromiyaa humnaan bulchuuf waraanaa hanga funyaaniitti hidhate uummatatti bobbaasee jira. Maqaa "olaantummaa seeraa" jedhu golgaa godhachuun mana uummataa gubuu, jumlaan ajjesuu, qabeenya saamuu fi shamarran gudeeduu hojii fardii tasifatee jira. Walumaagalatti, Oromiyaan sirna nafxanyaa jalatti kuftee jirti.
Kanaaf, Qeerroon waamicha qabsoo marsaa 3ffaa Kudhalamaan Sadeen (12/12/12) jedhamee moggaafame labseera. Mormiin marsaa 3ffaa kun Kibxata Hagayya 12, 2012 irraa hanga Roobii Hagayya 20, 2012 guutuu Oromiyaa keessatti hojii irra oola. Kaayyoon yeroo gabaabaa qabsoo marsaa kanaa hooggantootaa fi lammiilee Oromoo hidhaman mara hidhaa irraa hiiksisuu dha; yeroo giddu-galeessatti ammoo loltootni mootummaa magaalotaa fi gandoota baadiyyaa Oromiyaa gadhiisanii mooraa waraanaatti akka deebi’an taasisuu dha. Galmi qabsoo Oromoo inni xumura mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhugoomsuu akka ta’e yaadachiisuu barbaanna. Kanaafuu, tooftaa sadarkaa qabsoon keenya irra gahe madaluu qeerroon yeroo filatetti kan labsuu waan ta’eef ummatni Oromoo arasaa barbaachiisu kafalee mirgaa isaa guutuu gonfachuuf akka of qopheessu gamanumaan beeksifina.
Haaluma kanaan waamichi qabsoo marsaa haaraa armaan gadii Qeerroo irraa kennamee jira.
1.Uggura daandiiwwanii
Hagayya 12, 2012 irraa eegalee hanga Hagayya 20, 2012 tti daandiiwwan magaalota Oromiyaa walquunnamsiisan akkasumas daandiiwwan Oromiyaa keessa qaxxamuranii
    1

Naannolee ollaa Oromiyaa fi biyyoota alaa walqunamsiisan hundi ni cufamu. Guyyaa uggura daandiiwwanii dheeresuun ykn gabaabssuun barbaachisaa ta’ee yoo argame Qeerroon beeksisa ni kenna.
2. Mormii waliigalaa guyyaadhaan hindaangeffamne
2.1. Dhaabbilee faayinaasii madda diinagdee sirna nafxanyaa Abiy Ahmed ta’an hundatti Oromoon akka hin tajajilamne waamicha dhiyeessina. Gibiras mootommaadhaaf akka hin kaffalle.
2.2. Caasaalee lukkeen Biltsiginnaa gandoota Oromiyaa keessatti itti fayadamuun Qeerroo adamsitee nafxanyaaf dabarstee kennan tajajilaan ala ta’uu qabu.
2.3. Jarsummaan aadaa Oromoon ittiin boonuu fi dhimma isaa jarsummaan xumurachuun aadaa uummata Oromoo keessa isa tokko. Hata’u malee, maqaa jaarsummaatiin namoontni dhuunfaa Oromoof naatoo hinqabne durgoo sirna nafxanyaa irraa funaannachaa umurii sirna gabroomfataa dheeressuuf kan dhama’an waan ta’aniif Oromoon akka jalaa hin dhageenye; jireenya hawaasummaa keessas akka baasu Qeerroon ni qoqqobata.
2.4. Ijaarsa milishoota gandaa dabalatee caasaleen Biltsiginnaa ganadoota magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa keessa maadheffachuudhaan, bilbilaan waraana yaamuudhaan Qeerroo qabsiisuu hojii taasifatanii jiran; dabalataanis, Qeerroo irrati odeeffannoo fi ragaa sobaa kennuu fi qindeesuu irraa akka of qusatan Qeerroon gadi jabeessee akeekachiisa .
2.5. Qeerroon namoota gandoota baadiyyaa naannoo keessaniitti mana jireenyaa kaabinee fi dabballee godinaa, aanaa fi magaalaa akkasumas waajjira gandoota
2

baadiyyaa kan hogganan, sochii isaanii hordofaa oddeeffannoo waa’ee eenyummaa isaanii adda baafachuudhaan miidiyaa fi ummata Oromootti akka saaxiltan.
Akkeekkachiisa
1. Lukkeeleen Biltsiginnaa qabsoo ummata keenyaa xureessuuf, goolii uumuuf, akkasumas, sabaa fi sablamootaa Oromiyaa keessa jiraatanii fi manneen amantaa irratti balaa geesisuuf waan malaniif ummanni guutuun to’annoo fi eegumsa cimaa akka gootan.
2. Sabaa fi sablammootni Oromiyaa keessa jiraatan qaama hawaasa Oromooti. Qeerroon bakka hundatti eegumsa cimaa akka godhuuf cimsinee dhaamna.
3. Namootni kamuu uggurri daandiiwwanii osoo hin eegalin dursanii waan isaan barbaachisu qindeeffachuu akka xumuratan yaadachiifna.
4. Kibxata Hagayya 12, 2012 irraa eegalee daandiiwwan ugguramuu waliin walqabatee sochiin geejjibaa waan dhaabbatuuf guyyaa kana irraa eegalee namnii kamuu Oromiyaa keessa ykn Oromiyaa irraa gara naannoo biraatti imaluuf akka hin karoorfanne dursinee yaadachiifna.
5. Labsii Qeerroon kabaja uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti abba biyyummaa isaa mirkaneefachuuf baase kana cabsuun sochii taasifamu guffachiisuf kan carraaqu hundaaf itti gaafatamummaan kanuma abbaa akka ta’e cimsinee hubachiifna.
Hubbachiisa
1. Manneen yaalaa fi faarmaasiin ykn dukkaanni qorichaa labsiin kun isaan hin ilaallatu.
2. Manneen barnootaa, buufataaleen fayyaa fi maneen amantaa sochii ugguraa fi fincila
hunda irraa walaba.
3

3. Sochiin Ambulaansii ugguraan daangeffamuu waan hinqabneef hamma lukkeelee diinaaf tajaajila hinkenninetti socho’uu danda’u.

Haqa qabna, ni injifanna!
 WAAMICHA
 . Ilmaan Oromoo mootummaa kana keessa jirtaniif;-
 . Sirni nafxanyaa amma ijaaramaa jiru Oromoo fi Oromiyaa balleessudhaaf kan kaayyoo godhate waan taheef, ilmaan Oromoo sadarkaa gadii irraa hanga gubbaatti mootummicha tajaajilaa jirtan yeroo murteessaa Oromoon akka sabaatti of baraarudhaaf qabsoo hadhooftutti jirru kanatti gara ummataatti akka makamtan waamicha lammummaa isiniif goona.
. Ilmaan Oromoo, Raayyaa ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii Oromiyaa, Humna Addaa Oromiyaa fi Milishaa keessa jirtan qabsoo Qeerron irratti wareegamaa jirtu cinaa akka dhaabbattan Waamicha isiniif goona.
 . Hayyoota Oromoo hundaaf;-
 . Hayyoonni Oromoo yeroon keessa jirru yeroo murteessituu fi hamtuu kan Oromoon akka Oromootti jiraachuu fi dhabamuu gidduu jiru tahuu isaa hubachuudhaan walitti dhuftanii mari'attanii hanga Oromoon abbaa biyyummaa goonfatutti of-kennummaadhaan akka hojjattan waamicha isiniif goona.
 . Ummata Oromoo hundaaf;
 . Qabsoon Qeerron itti jirtuu kan Oromoo maraa waan ta’eef hirmaanaa hundaa barbaachiisa. Kanaafuu, qeerroo cinaa dhaabbachuun, qabsoo akka finiinsitan waamicha isiniif dabarsina.
 . Sabaa fi sablammoota cunqurfamoo hundaaf;-
 . Mootummaan Abiyyii Ahmadiin hoogganamu yeroo ammaa sirna federaalizimii sabdaneessaa diigudhaan sirna nafxanyaa durii ijaarudhaaf duula gochaa jiru kana dura dhaabbachuun sabaa fi sabalammoonni cunqurfamoon hundi mirgaa sabaaf sablammotaa kabajsiisuuf adeemsifama jiruu kana keesatti akka wal tuumsiinuuf waammichaa obbolummaa isinii dabarsina.

 Injifannoo Uumata Oromoo fi sabootaaf sablammoota hundaaf!

No comments: