Monday, August 3, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Saboontoota harargee
Humna tee namu argee
Leencoota Arsiif baalee
Hin qabnu huma wal-malee

Jajjabeen wallaga naqamtee
Argaa teetin diinni sodaatee
Qeerroof qarree shawa-salaalee
Hin teenyuu osoo Finfinnee hin-galle

Warra gibee gamaa
Jajjabe warra jimmaa
Goofaree mallattoo odaa
Warra walloo kamisee
Siitu diina mancaasee
Aadaa khee dagaagsee
Jaallee ilma karrayyuu
Qabii shukkumi dinni ha iyyuu
Akkas malee garaan nu fayyuu

Angafa Booranaa, 
Leellistoota sirna Gadaa
Nuti wal-malee hin qabnu
Firaas ta’ee gaachena addaa

Tokkummaan humna!

No comments: