Saturday, August 15, 2020

#AbiyMustGo#OromoProtests#Ethiopia

Kaleessa gaafa Wayyaanee buqqifnu Nafxanyoonni likkii keenya arganii nu kadhachuu jalqabanii turani. Siyaasaa kennanii fudhachuutti amananii turan. Gaafa Lammaan faa tuuta 'Xaanaan Keenya' jedhu qabatee Bahr Daar dhaqe sana Oromoon kabajamee ture. Itoophiyaa biyya waloon itti boonnu godhanii jaarrachuufis itti dhihaatamee ture. Gaafas 'Immiyyee Minilik' faarsanii Oromoo irratti zarraaf jechuun ulfaataa ture. 

Eega Abiy masaraa seenee booda wanti hunduu ni jijjiirame. Quufni jaraa isa bara Hayla Sillaaseetti deebi'e. Tuffiin isaanii isa bara Minilik Oromoo cabsee saniin tokko tahe. Oromoon ammoo ''ilma abbaa gadaatu masaraa jira'' jedhee burjaaja'e. Nama Afaan Oromoo dubbatutu achi jira jedhee afanfaajja'e. Diinni Oromoo nyaate inni guddaan burjaajii sababa kanaan dhalatee dha. Osoo nama halagaatu aangoorra jira tahee silaa Oromoon akkanatti of dagatee hin salphifamu ture. Nu raatessan. Yeroo naa kennaa jennaan yeroo dheeraatu kennameef. Yeroo hangasii keessatti  Nafxanyoonni akka of jaaran, Oromoon ammoo akka qoqqoodamu irratti hojjete. Caasaa waggaa 150f diriire lafa jala ture dafanii fayyadamanii biyya toyachuun ''maal abbaa keessanii fiddan'' nuun jedhan. Qaqqaalii qabsoo keenyaaf dungoo fi gaachana tahan garii nyaatan, kan hafanis hidhan. 

Kana wantin kaasuuf akka hadheeffannee ija banannee salphina keessatti kufnee jirru agarruufi. Burjaajii keessa jirru kana keessaa didnee akka dammaqnuufi. Burjaajii hamaa keessa jiraachuu keenyaaf ragaan waan baay'ee tahuyyuu, tokko qofan maqaa dhaha. Guyyaa Hacaaluu ajjeesanii qabee akki itti Jawar faa qabanii hidhan yaadadhaa. Deebiin nuti kanaaf kennaa jirru hanga nurraa eegamu hanqachuun burjaajii yaaddessaa keessatti kufuu keenyaaf ragaa tokko. Jawaar qofa osoo hin taane gootota hangafa Jawaar kan Oromoo ifatti baafna jedhanii jireenya isaanii gammoojjii keessatti guban hundatu guuramee hidhaa jira. Laalannaan nuti warra nuuf jedhee jiruu ofii wareegee kan amma hidhaa jiran saniif qabnu hagam jennee of gaafachuu hanqachaa jirra. Mallattoon burjaajii gadi fagoo nuti keessa jirruu isa kana. Sirna Nafxanyaa nurratti deebi'ee jaaramaa jiru kana odoma garruu teenyeetuma wal eegna taanaan
1. Gootota sabni tokko jireenya bara dheeraa keessatti al tokko horatu kan mana hidhaa jiran lubbuun argachuuf hin deemnu. 
2. Aarii, abdi kutannaa fi wal komiidhaan diina dhiifnee quba walitti qabnee wal facaasuutti deemna.
3. Sirni Nafxanyaa hamaatu bifa lamuu nurraa hin buqqaaneen nurratti gad dhaabbata.
4. Saba hanga baay'ina isaa hin geenye, tuffatamaa, kan guddatee ka'ee salphate, kan bicuu hundaan cabsamuuf kajeelamu taanee hafna. 

Kana keessaa bahuuf ammas yeroo xiqqoo ni qabna. Xiiqii kanaaf nu gahu garuu qabnaa? Qabsoo walirraa hin cinne goonee salphina owwaallee ulfina gonfachuuf dhuguma nuti qophii dhaa? Gaaffiin koo inni guddaan isa kana. Kanaaf qophii taanaan kaanee wal kakaafna, lama sadiin wal gurmeessinee gurmuu miliyoonotaa jaarra malee teenyee wal hin eegnu.

No comments: