Monday, August 17, 2020

#AbiyMustGo#OromoProtests

OMN: Xiinxalaa Siyaasaa Jawar Mohammad  mana hidhaa  keessatti hedduu dhukkubsachaa jiraachuu maatiin isaa OMNtti himan.

Maatiin Jawaar mahaammad, Jawar  dubbusuu yeroo dhaqnetti, nu waliin dubbachuu hin dandeenye jedhan. 

Fuulli isaa dhidhiita'ee jira;  dhaabbatee nu haasofsiisuuf yaalus sababa ijaajjuu (dhaabbachuu) dadhabeef ofirra gad taa'ee jedhan maatiin Jawar.

Nutis  haala fayyaa jawartti  rifannee kan jedhan maatiin Jawar dhimma kana   qaamilee   mana hidhaa  eegan irraa adda baafachuufillee hin dandeenye jechuun   himan.

Jawaar heddu dadhabee jiraa, maaliif akka yeroo gabaabaa keessatti akka akkanatti dhukkubsate irratti shakkii qabnas jedhan maatiin Jawar.

Yaa Ummaata Oromoo,  Jawar yeroo akkanatti dararamu maaliif calliftan jechunis gaafatan.

No comments: