Tuesday, August 4, 2020

#AbiyMustGo

ABO

WALGAHII GS ADOOLEESSA 26 – 27, 2020 GAGGEEFFAMEN KAN WALQABATE OLOLA SABQUNNAMTII ADDA ADDAATIIN DEEMAA JIRU ILAALCHISEE IBSA KOREE SEERAA FI TOHANNOO ABO IRRAA KENNAME
Koreen Seeraafi Tohannoo ABO walgahii attattamaa Adooleessa 26 – 27, 2020 gaggeffamen walhubannoo dhabuufi burjaajiin miseensoota, deggertootaafi ummata jiddutti dhalachuurra kan ka’e walmormiifi waldiddaan qaamota adda adda jiddutti akka eegale waan fakkaatu jiraachuu sabqunnamtii hawaasaa adda addaarra hubachuun Adooleessa 29, 2020 haala jiru seeraafi dambii ittiin bulmaata jaarmiyaarratti hundaa’ee qorannoo barbaachisaa taasisee hanga dhugaa jirtu ibsuutti qaamni kamuu obsaan akka eeggatuufi hojii jaarmiyaa idilee akkuma barameetti akka itti fufu gaafachuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kana kan gabbisu Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Itti Aanaan Hayyuu Duree ABO Jaal Araarsoo Biqilaa Hagayya 01, 2020 mana jireenya HDtti walarguun marii godhatanii rakkoolee dhalateefi walhubannoo sababa walgahii GS taasifameen dhabame seeraafi sirna jaarmayaarratti hundaa’uun kan xumuratan ta’uu TV ONN fi midiyaa kanneen biroorratti ibsanii hangasitti hojiileen jaarmayaa akkuma barametti akka itti fufan qajeelfama kennaniiru.
Kanaan faallaa kan ta’e guyyaadhuma HD fi Itti AanaaHD ibsa kennan kana miseensa Shanee Gumii ABO kan ta’an Jaal Atoomsaa Kumsaa afuura sabatiinsaa uumame haala miidhuu danda’un Televiziiniinii Hegeree News Network irratti ibsa kennan kan seeraa, naamusaa fi sirna ABO hineegnee ta’ee mul’ateera. Hoggansi sadarkaa olaanaarra jiru kun burjaajii dhalateef fala barbaaduurratti gargaarsa kennuufi tasgabbii uumuurratti hirmaachuu malee burjaajii ture caala ammeessun waan hinmalleedha. Ibsi akka Jaal Atoomsaan kenname kun jaarmayaa keenyaa ABO bifa kamiinuu waan gaargaaruu hinqabu. Haalli kun seeraafi sirna jaarmayaa keenyaan ilaalamee tarkaanfiin barbaachisaa kan fudhatamu ta’a. Hogganiifi miseensi ABO kamuu dhimma qorannoo jala jiru kana ilaalchisee ibsaafi yaada kamuu sabqunnamtii adda addaarratti akka hin kennine irra deebinee isin hubachiisaa itti bahinsa qorannoo kana obsaan akka eegdan kabajaan isin yaadachiifna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!!
Koree seeraa fi Tohannoo ABO
Hagayya 03, 2020

No comments: